
(Madda Oduu ABO/MOA/Amajjii 31,2010) Miseensotni ABO fi hawaasni Oromoo biyaa United Kingdom jiraatan gaafa Amajjii 30,2010 Ayyana WBO bara 2010 magaala London keessatti walgahanii sirna howaa fi hamilee guutuun kabajatanii jiru.
Ayyana kana irratti Hooggana ABO durii kan turanii fi miseensi GS ABO Obbo Xahaa Abdii, Hoggantootni fi qondaalotni ABO kutaa UK akkasumas ummatni Oromoo heddumminaan irratti argamaniiru. Ayyanni kun ebba manguddootiin kan baname yammuu ta’u Itti Gafatamaan ABO kutaa UK, Obbo Barsiisaa Guutamaa, kaayyoon ayyaana kanaa maal akka ta’ee fi guyyaan kun maaliif akka kabajamu ibsaniiru.
Obbo Xahaa Abdii guyyaan kun guyyaa dhaloota ABO fi WBO waan ta’ee baga gammaddan jedhanii, guyyaan kun seenaa Oromoo keessatti ulfaataa akka ta’e ibsaniiru. WBO gaafa baddaa Harargee keessatti dhalate mootummaan lama isa dhabamsiisuuf jechaan irratti bobba’ee akka ture ibsaniiru. WBOn garuu rakkina yeroo dheeraa keessaa fi alaan irra gahaa ture keessa ciminaa fi cichoominaan darbee as gahuun isaa hedduu nama boosa jedhaniiru. WBO yeroo ammaa haala rakkinaa kana irraa hafee guutummaa biyyaatti of ijaaree socho’uu dadahuun isaa ummata Oromoof abdii guddoo akka ta’es ibsaniiru. Gara fulduraatti qabsoo hedduutu nu eeggata. Kanaaf WBOn, dargaggoon Oromoo fi ummatni Oromoo karaa adda addaa haala dandahuun qabsoo yoo jabeesse malee diinni akka salphaatti akka nurraa hin kaane hubatamuu qaba jedhaniiru.Qabsaawaan abdii hin kutatu. Kanaaf dhibdee xixiqqoo deemsa qabsoo keessatti yeroo yeroon nu mudatuun hedduu cinqamuu dhiifnee diina keenya isa guddaa kan ta’e mootummaa alagaa ofirraa kaasuu irratti haa xiyyeeffanu jedhaniiru.
Itti aannsee Obbo Baqqalaa Mokonnon, waggoota dheeraa irraa kaasee alagaan akka Oromoon ofiin of ijaaree mirga isaaf hin falmanne jala bu’ee waan eeguuf, bakka nuti sochoonu maratti nu keessa seenanii nu diiguun hojii isaanii ti. Kanaaf, kana hubannee of eegachuu fi tokkummaan hiriirree mirga keenyaaf falmachuu malee kan nu baasu hin jiru jedhaniiru. Kanaaf yoo walitti dhufnee rakkina keenya waliin mariihanne,malee hommaa gochuu hin dandeenuy jedhaniiru.
Ayyana kana irratti bakka bu’aan WBO Zoonii Kibbaa bilbilaan qooda fudhatanii jiru. Isaanis guyyaa WBO ilaalchisee ibsa bal’aa godhaniiru. WBO murannoodhaan bilisummaa Oromoof dhiiga isaa dhangalasaa ture, ammas itti jira, gara fulduraattis hanga Oromiyaan bilisoomtutti itti fufa jedhaiiru. Mootummaan wayyanee yeroo adda adda WBO hin jiru jettee kan hololtu, WBOn jireenya isaa fi jabina isaa hojiin agarsiisaa akka jiru ibsaniiru. Mootummaan Wayyanee gama tokkoon WBO hin jiru jechaa, gama biraan immoo ummaata Oromoo kumaatamaan lakkawaman WBO deeggaraa jirtu jettee mana hidhaatti guuruu fi ajeesuun Wayyaneen ofumaa akka of faallessaa jirtu agarsiisa jadhaniiru.
Haala Zoonii kibbaa ilaalchisee, Wayyaneen namoota dantaa ofiif dhaabatan maallaqaan bitachuuf yeroo dheeraa carraaqqii gootee namoota xiqqoo bitachuu dandeessetti. Kanaaf warri diinatti harka kennatan ummata isaanii ganuu isaanitti heddu gaddina. Gama WBO Zoonii kibbaa ilaalchisee garuu waraanni keenya sirnaan ijaaramee, hamilee guutuun akka jiru ibsaniiru. Ummatni Oromoo naannoo nuti itti socho’aa jirru keessaa WBOtti dabalamee qabsaawuu kan fedhu hedduu waan ta’eef, warra ganee diinatti gale bakka buufnee jirra jedhanii gammachuu isaaniin ummataaf ibsanii jiru. Dhuma irratti Abdii keenya ummata keenya waan ta’eef gargaarsi keessan jabina keenya dha. Kanaaf deegarsa armaan duraa nu gootaniif hedduu galatoomaa jechaa fuldurattis hanga Oromiyaan bilisoomtutti kan armaan duraa caalaa akka nu bira dhaabbattan jedhanii dhaammataniiru. WBOn hanga bilisummaan Oromoo dhugoomutti akka duubatti hin deebine isinii mirkaneessa jedhaniiru.
Ayyana kana irratti ijoolleen Oromoo Habaaboo qabatanii footoo WBO fi alaabaa Oromoo jala kaawuu dhaan kabajaa WBOf qabanii ibsanii goototni Oromoo qabsoo irratti wareegamanis akka yaadataman taasisaniiru. Akkasumas walaloon WBO leelisuu fi qabsoo faarfatu dhihaatee bakka bu’aan WBO bakka jirutti dhaggeffatu ta’ee jira.
Itti aansee bakka bu’ootni Jarmayaa ummata Oromoo guyyaa kana ilaalchisanii wal duraa duubaan yaada qaban ibsuudhaan deegarsaa fi jaala WBOf qaban mirkaneessaniiru. Akkuma kanaan Obbo Leencoo A/Garoo Itti Gafatamaan Tokkommaa Barattoota Oromoo biyya UK, barattootni fi beektotni Oromoo yeroo dheeraa irraa eegalee qabsoo bilisummaa Oromoof deeggarsa gochaa akka turan ibsanii kunis akka kara mirga dhala namaaf falmu, hiriira bahuu, tokkummaa Oromoo jabeessuu fi deeggarsa maallaqaa gochuudhaan gahee isaanii bahaa akka turan ibsaniiru. Har’as jaalallii fi deegarsi WBOf qabnu guddoo dha jedhaniiru. Kanaaf tokkummaan hiriiruu fi wal bira dhaabbachuun kan armaa duraa caalaa dara jabaatee WBO fi qabsoo bilisummaa Oromoo ABOn hoogganamu deeggaruu qabna jedhaniiru. Bakka bu’aan Waldaa Darggagoota Oromoo biyya UK Obbo Fiqaaduu Asraat guyyaa kana ilaalchisanii nuti darggoon qabsoo abbootiin keenya irratti dhumanii asiin gahan fi ammallee WBO dhiiga isaa itti dhagalaasaa jiru fuunee gara fulduraatti tarkaanfachiisuu qabna jedhaniiru. Kana gochuufis tokkoummaan wal bira hiriirree, diina nu gidduu seentee nu diguu carraaqxu ofirraa eeggachaa qabsoo itti fufuu qabna jedhaniiru.
Dhuma irratti ummatni Oromoo ayyana kana irratti hirmaatan WBO fi qabsoo bilisummaa Oromoo ABOn hoogganamu deeggaruu fi tokkummaan hiriiruu akka qaban mikaneessaniiru. Deeggarsa isaaniis gummacha maallaqaa kennuu dhaan agrasiisanii jiru.
Ayyanni kun faruu alaabaa Oromootiin milkiin xumuramee jira.
MOA
|